Xiinxala Malawwan Barruu Barwalaloowwan Oromoo Filatamanii: Walunannaa
DOI:
https://doi.org/10.20372/f3k4-vn88Keywords:
mala barruu, walunannaa, allitireeshinii, konsoonaansii, assoonaansii, rukuttaa manaaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa walunannaa barwalaloowwan Oromoo filatamanii xiinxaluudha. Kana galmaan gahuufis, mala akkamtaafi saxaxa ibsaatu dhimma itti bahame. Barwalaloowwan “abbaa hibboo”fi “Arraa Gurbaa!”tu erga sakatta‟insi kitaabotaa taasifamee mala akkayyootiin filatame. Ragaaleenis, madda ragaa tokkoffaa irraa tooftaa xiinxala barruutiin erga walitti qabamanii, garee gareetti qoqqoodamuun adeemsa addeessuu-xiinxaluumadaaluutiin yaaxxina akkaatummaa ulaagaa marmaarinsaafi faana dhooftummaatiin xiinxalamuun argannoowwan kanatti aananii jiran argamaniiru. Walaloowwan filataman keessatti marmaarinsi sagaleewwan dubbifamoo jalqaba jechootaa (allitireeshinii), sagaleewwan dubbifamoo keessoo jechootaa (konsoonaansii)fi sagaleewwan dubbachiiftuu (assoonaansii) walaloowwan lachuu keessatti hojiirra oolaniiru. Kun immoo, walalicha keessatti walitti hidhaminsi yaadaafi yeedaloo akka uumamuuf haala mijeesseera. Rukuttaan manaa jalqaba, gidduufi dhuma bo‟oowwan lamaanuu keessatti uumamaniiru. Bu‟aansaas, bo‟oowwan walaloo gidduutti hariiroo dalgeefi gubbaa-gadii uumuun qindoominni yeedaloo nama hawwatuufi qindoominni yaadaa wal qabataa ta‟an akka uumamuuf gargaareera. Marmaarinsa sagaleewwan dubbiifi birsagaa kanneen gargaaramuun walaloo “abbaa hibboo” keessatti ergaan yayyabame siyaasaafi hawaasummaadha. Agarsiiftuun kanaas, waldiduu gaaddidduufi abbaa gaaddidduuti. Gaaddidduun akka isa eenyummaa ofii beekuufi abbaa gaaddidduu akka isa of-arguu dadhabee garaaf jiraatuutti dhiyaataniiru. Walaloo “Arraa Gurbaa!” keessattis ergaawwan (siyaasa, hawaasummaafi dinagdeetu) mul‟ateera. Kanaafis ka‟umsi, waldhabdee Fattee, Allaattiifi Bofaati. Fatteen ummata cunqurfamaa ture (Oromoofi saboota biroo), Allaattiin (abbootii irree) warra humnaan warra kaan caalaniifi Bofti (ummata shiraafi dabaan) ummata garramiifi qulqulluu jedhamee dhiyaate cunqursaa turan ibsanii jiru.
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2024 Hirphaa Baqqalaa, Tashoomaa Egeree, Magarsaa Dhinsaa (Author)
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.