Dhiibbaan haalli itti Fayyadama Loogaa, Afaan Oromoo Barachuurratti qabu: Dhaabilee Barnoota Ol’aanaa filataman keessatti
DOI:
https://doi.org/10.20372/kb8w-f969Keywords:
Afaan, Barachuu, Dhiibbaa, Hubannoo, Ilaalcha, LoogaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa, dhiibbaa haalli itti fayyadama loogotaa, Afaan Oromoo barachuurratti qabu maal akka fakkaatu xiinxaluun rakkoolee adeemsa raawwii kana keessatti mul‟atan adda baasuudha. Kaayyoo kana galmaan ga‟uuf, saxaxa qorannoo ibsaatu hojiirra oole.Irraawwatamni qorannoo kanaa, dhaabilee barnootaa ol‟aanaa jiran keessaa yunivarsitiiwwan, jechuunis:Amboo,Arsii,Bulee Horaafi Jimmaa ulaagaan filataman irratti kan xiyyeeffatedha.Barattootni mala iddatteessuu carraa keessaa iddatteessuu qoqqooddiirratti xiyyeeffate(Stratified Random Sampling)fi barsiisotni mala iddatteessuu mit-carraa keessaa akkayyoorratti xiyyeeffachuun kan filatamani dha. Haluma kaanan, barattoonni 52 bu‟uura foormulaa Yamaaneh(1967), hangi iddattoo (sample size) barattootaa yunivarsitiiwwan afranii malleen carraa jiran keessaa mala carraa qoqqooddiirratti xiyyeeffateen (Stratified Random Sampling) kan filatamandha.Barsiisotni 20 seenduubee loogaa isaanii irratti hundaa‟anii kaayyoon kan filatamanidha. Walumaa galatti, ragaaleen hammamtaafi akkamtaa akka amala isaaniitti mala lakkoofsaafi jechootaan qindeeffamanii ibsamuun kan xiinxalamandha. . Ragaalee xiinxalamanirraa argannoowwan bira gahamanis, garaagarummaan loogaa barattootaafi barsiisota gidduu jiru,guutummaa guutuutti walhubachuurratti hanga ta‟e dhiibbaa kan uume ta‟uu, yaadannoowwan barnootaaf qophaa‟an keessatti haalli itti fayyadamni jechoota loogaan walqabatan tokko tokkoo hubannoo barattoota muraasaa qofa kan giddugala godhataniifi iftoomina barbaadan akkasumas dhiibbaaleen adeemsa itti fayyadama keessa uumamaniin qaawwa gama waliigalteen hanga ta‟e mul‟atuuf sababa ta‟uutu hubatame Gama kaaniin, dhiibbaaleen sababa ilaalchota garaagaraa loogaan walqabatanii calaqqisiifamaniin beekaas ta‟e tasa looga waliirratti kolfuufi qoosuun, dhiphinni,sodaa akkasumas miirri gad‟aantummaan barattoota tokko tokkorratti mul‟atu, hamilee isaanii miidhamuun fedhiifi hirmaannaa isaan barnootaaf qaban hir‟isaa kan dhufe ta‟uu ragaan jiru agarsiisa.Rakkooleen sababa haala itti fayyadamaanis ta‟e dhiibbaalee loogaan,xiinsammuu, milkaa‟ina barnootaafi naamusaan walqabatanii uumaman xiyyeeffannoo barbaadu.Kanaafuu, leenjii dabalataa waa‟ee garaagarummaa loogaarratti muuxannoofi hubannoo gaarii kennu qopheessuu,imaammata itti fayyadama loogaa qajeelchu qopheessuu akkasumas, loogoota Afaan Oromoo qoolifamanii haala hammataa ta‟een afaan karoorsuun(waalteessuu) barbaachisaadha.
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2024 Ashennaafii Tarrafaa, Wandimmuu Taganyee, Alamuu Waaqgaarii (Author)
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.