Xiinxala Sirna Maqbaasa Ilma Angafaa Oromoo Booranaa

Authors

  • Dabalaa Tamasgeen Author
  • Alamaayyoo Faqqadaa Author
  • Aliimaa Jibriil Author

DOI:

https://doi.org/10.20372/ecxb-4336

Keywords:

Sirna, maqbaasa, gubbisa, Oromoo Booranaa, ilma angafaa, Onomaastiksii

Abstract

 Qorannoon kun, adeemsa raawwii sirna maqbaasa ilma angafaa Oromoo Booranaa irratti
xiyyeeffate. Sababni xiyyeeffatameefis, qaawwii qorannoo jiraachuu; beekumsi natoo ganamaa
hawaasichaa sirna maqbaasa ilma angafaa keessan calaqqisiifaman qoratamuun barreeffamaan
olkaa‟amuu dhabuudha. Saxaxni qorannichaa, xiinxala yoomessahaa ibsaati. Akaakuun
qorannichaa immoo qorannoo akkamtaa ta‟ee, sanyabsaadha. Maddi ragaalee qorannichaa,
madda ragaa tokkoffaati. Tooftaa ragaaleen ittiin funaanaman, daawwannaa hirmaachisaafi
afgaaffii yoo ta‟an, ragaaleen immoo, dabtara yaadannoo dirreefi viidiyoo kaameraatiin
galmeeffaman. Ragaaleen tooftaa kanaan guuraman, mala ibsaatiin xiinxalaman. Ragaalee
xiinxalaman irraa bu‟aan argame: Sirni maqbaasa ilma angafaa jila gubbisaan raawwatama.
Innis, gogeessa gadaa abbaa daa‟imaa irratti hundaa‟uun gubbisaa ilmaan kormaafi imaan
jaarsaa jedhamee beekama. Gubbisni ilmaan kormaa gogeessa gadaa tokko keessatti altokko
qofa kan raawwatamu yoo ta‟u, kan ilmaan jaarsaa, yoomessa ayyaanni eeyyamu kamillee
gaggeeffamuu danda‟a. Haala kana keessatti, raawwileen sirna dura raawwataman- ayyaana
heduu, jila beeksisuu, uffata, nyaataafi mukeen aadaa qopheessuudha. Yeroon sirnaa immoo
guyyaa sadiif kan gaggeeffamu yoo ta‟u, guyyaa jalqabaa, mukaafi buuyyoo dhiheessuu; guyyaa
lammaffaa, galma dongoruun ijaaruu; guyyaa sadaffaa, galma afaan gooduun maqaa
baasuudha. Sirna booda, sangaa jila qaluun erga ariirratanii booda handhuurraa bobbaasuun
jila obbaasu. Maqaaleen jila kanaan ilma angafaaf moggaaffaman immoo, maqaalee akka
aadaatti beekaman: Liiban, Boruu, Areeroo, Diida, Dhadacha, Guyyoo, Nuurtuu, Soraa,
Waaqoofi Dooyyoodha. Akkasumas, ilmi angafni osoo akaakuun lubbuun jiruu sirni maqbaasaa
yoo gaggeeffameef, maqaa akaakuutu moggaaffamaafi. Haala kana keessatti, yoo akaakuun
maqaa maandhaa qabaate, ilma angafaaf maqaan maandhaa kan moggaaffamuuf ta‟a.
Maqbaasni kunimmoo falaasama, dinagdee, hawaasummaa, aadaa, safuufi safeeffannaa uumaafi
uumamaa hawaasichaa kan ibsuudha. Kanaaf, mootummaafi qorattootni kallattii garagaraan
qorachiisuufi qorachuun barreeffamaan olkaa‟uu feesisa. Hawaasichis aadaa maqbaasaa isaa
kana kunuunfachuun haala asilummaa isaa eegeen dhalootaa dhalootatti dabarsuun gaarii ta‟a.

Published

2023-05-30