Afeewwaniifi Bocawwan Giddugala Aadaa Oromoo Eenyummaa Agarsiisan: Xiinxala Waallee Liixxaatiin
DOI:
https://doi.org/10.20372/3hb5-bk33Keywords:
Afee, boca, agarsiistuu, eenyummaa, xiinxala waallee liixxaaAbstract
Kaayyoon gooroo waraqaa kanaa afeewwaniifi bocawwan Giddugala Aadichaa keessaa eenyummaa agarsiisan xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala akkamtaatti dhimma bahamee jira. Malleen akkamtaa keessa jiraniin ragaaleen qorannichaa sassaabaman. Ragaaleen kunnenis madda jalqabaafi lammarraa walitti qabaman. Isaan maddeen lamaan irraas daawwannaa, sakatta‟aafi afgaaffiin funaanaman. Maddi jalqabaa hirmaattota mala akkayyoon xiyyeeffataman, afeewwaniifi bocawwan giddugalaa irraa kan argame yoo ta‟u, inni lammaffaa sakatta‟a barruun fudhatame. Ragaaleen funaanaman qabiyeewwan kaayyoowwan qorannichaa bu'uureffatan jalatti dhiyaachuun xiinxalamanii jiru. Xiinxalli kunis xiinxala garsadee „tri-dimensional model‟-ibsuu, hiikuufi balballoomsuu kan jedhu xiyyeeffachuun geggeessamee jira. Kunis maleenya xiinxala waallee liixxaa faana bu‟uunidha. Argannoowwan xiinxala kanaan irra gahaman giddugala kana keessatti eenyuummaan Oromoo karaa afeewwaniin, bocawwan sirna Gadaafi irreechaan walqabataniin akkamitti hawaasni kun ofiifi addunyaa keessa jiru akka ilaalu agarsiifamee jira. Afeewwan xiinxalaman dhiibbaa agarsiistuuwwan eenyummaa hawaasichaarraa tureefi hubannoo ganamaa hawaasichaa dhiheessu. Bocawwan sirna Gadaan walqabatanii jiran sirni tokkeen biyyicha akka bakka hinbuune agarsiisanii jiru. Eenyummaan saba kanaa akka iddoo argatu; eenyummaan olaanaafi gadaanaa ta‟e biyya kana keessa akka hin jirreefi kan ittiin agarsiifamu akka qabu bifa ergaan mul‟ateera. Kan malee, himaachisummaafi walqixxummaa sirni Oromoo keessa jiru agarsiisuuf, „Abbaa Gadaafi Haadha Jilaan‟, „caaccuufi kallacha‟, „waaqaafi lafa‟, „dhiiraafi dhalaa‟, „durba duudaafi irreecha‟ kan jedhaniin dhihaateera. Kan biroon, walitti dhufeenyi afeewwan, bocawwaniifi aangoo giddugala kana keessaa walqixxummaa dhabinsa tureefi jiru, ilaalcha gamtokkee jiru ni agarsiisu. Akkasumas, mallattoowwan eenyummaa Oromoo giddugaleessa biyya kanaafi sadarka biyyaatti dhiibameefi hacuucame bahee akka mul‟atu dhiibbaa ni godha.
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2024 Addunyaa Barkeessaa, Masfin Wadaajoo, Fiqaaduu Taakkalaa (Author)
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.