Maqaalee Bakkeewwanii Magaalaa Finfinnee Keessaa akka Agarsiiftuu Eenyummaatti: Maleenyaa Waallee Seenaawaatin

Authors

DOI:

https://doi.org/10.20372/1m4q-wv61

Keywords:

Agarsiiftuuwwan, Eenyummaa, Jijjiiruu, Maqaa Bakkaa, Maqaa Baasuu

Abstract

 Maqaa baasuun akka aadaa hawaasaatti hiika kan kennuudha. Qorannoon kun maqaalee bakkeewwanii Magaalaa Finfinnee keessaa kan eenyummaa bakkaafi garee hawaasaa Oromoo Tuulamaa agarsiisanirratti geggeeffame. Kaayyoowwan qorannichaas bu‟uura maqaalee bakkeewwan Afaan Oromootiin baasamanii adda baasuu, jijjiiramaafi itti fufiinsa jiru agarsiisuufi dhiibbaa isaan eenyummaa lafaarratti geessisan ibsuudha. Kaayyoowwan kana galmaan gahuuf mala akkamtaatti dhimma bahamuun akkamtaa ibsaatiin xiinxalamee jira. Ragaan mala funaansa ragaa afgaaffiifi xiinxala barruuwwaniin walitti qabame, maleenya waallee seenawaatiin xiinxalame. Ragaan xiinxalame maqaaleen bakkeewwanii turan dhimmoota hawaasaa waliin hariiroo qabaachuun afaaniifi eenyummaa hawaasichaa kan ibsan ta‟uun hubatamee jira. Maqaalee bakkaa Oromoon baasee Magaalaa Finfinnee keessaa osoo hinjijjiiramin jiran muraasni kan maqaa gosaa bakka bu‟aniidha. Maqaaleen jalqaba Afaan Oromootiin bakkeewwaniif baasaman maqaalee gosa achi jiraatuu,maqaa mukkeenii, araddaa bal‟aafi tajaajila isaaniin ibsamuun,akkasumas, bakkeewwan sirnoonni hawaasaa itti raawwataniin akka walqabatan hubatame. Maqaaleen kunneen gara jechoota Afaan Amaaraa, Afaan Xaaliyaaniifi Afaan Ingiliziitti jijjiiramanii mul‟atu. Jijjiiramni maqaalee bakkeewwan kanneenii, afaan, aadaafi eenyummaa hawaasichaa kan jijjiire ta‟eera. Jijjiiramni maqaa bakkaa geggeeffame gaaga‟ama dhimmoota hawaasaa achi keessa jiran hundaa fida. Babal‟inni magaalaa, hawaasa, aadaa, afaaniifi eenyummaa dhiibuun godaansisuu hinqabu. Akka galumsa aadaa hawaasa sanaatti amala magaalummaa galumsa aadaa hawaasa achi jiruu keessatti madaqsuu barbaachisa. Maqaa jijjiiruun eenyummaa jijjiiruudha. Maqaan bakkaa, hambaa aadaa hawaasichaa waan ta‟eef, beekuu, kununsuufi karoorsuun hambaa bakka bu‟amuu hindandeenye kana misoomsuun barbaachisaadha.

Published

2024-09-23

How to Cite

Maqaalee Bakkeewwanii Magaalaa Finfinnee Keessaa akka Agarsiiftuu Eenyummaatti: Maleenyaa Waallee Seenaawaatin. (2024). Arsi Journal of Science and Innovation , 8(2), 86-112. https://doi.org/10.20372/1m4q-wv61