Dhiibbaa Hawaasummaa Dubartootarra Ga’u Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti
DOI:
https://doi.org/10.20372/afjd-4v35Keywords:
qoosaa, dubartoota, dhiibbaa hawaasummaaAbstract
Hawaasni dhimmoota garagaraa dhaloota itti aanuutti kofalchiisaa karaa ittiin dabarfatu keessaa tokko qoosaadha. Dhimmoota nama kofalchiisaa fedhiifi ilaalcha hawaasaa calaqqisiisan keessaa tokko dhiibbaa hawaasummaa dubartoota irratti taasifamudha. Qorannoon kunis mataduree “Dhiibbaa Hawaasummaa Dubartootaarra Ga‟u Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti” jedhu irratti gaggeeffame. Kaayyoon qorannichaa dhiibbaa hawaasummaa dubartootaa irra ga‟u qoosaa Oromoo Maccaa keessatti calaqqisu xiinxaluudha. Qorataan qorannicha yeroo gaggeessu paradaayimii ijaarsaa fayyadame. Saxaxni qorannichaa sanyaabsa ta‟ee gosti qorannoo akkamtaadha. Ragaalee qorannchaaf barbaachisan madda ragaa tokkoffaafi lammaffaarraa sassaabaman. Iddattootni qorannichaa godinoota Oromoo Maccaa keessatti argaman keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaatiin filatamani. Odeeffannooleen daawwannaa, afgaaffii, marii garee xiyyeeffatamaafi sakatta‟a dookimantiin guuramani. Ragaaleen guuraman erga qindeeffamanii booda mala xiinxala ergaatiin xiinxalaman. Yaadiddama qorannichi bu‟uureffatee adeemsifame yaadiddama feminiizimiiti. Xiinxala taasisame irraa argannoon qorannichaan bira ga‟ames: dhiibbaa hinheerumiin turuun dhufuu, durbummaa dhabuun miidhaan garagraa irra ga‟uufi fedhii isaanii akka hinibsanne daangeffamuufaadha. Dhiibbaan akkasii tooftaa dhiironni olaantummaa isaanii dubartoota irra tursiisuufi ittiin hamlee buusuuf fayyadaman waan ta‟eef warreen mirga dubartootaaf falman hubannoo kennuu irratti bal‟inaan utuu hirmaatan gaarii ta‟a.
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2024 Tewoodroos Addunyaa, Birihaanuu Baqqalaa, Fiqaaduu Qana’aa (Author)
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.