Xiinxala Walaloowwan Sirboota Siyaasaa Oromoo Bara 1991-2018 ALA’tti Sirbamanii Ija Yaaxxina Hawaasummaatiin
DOI:
https://doi.org/10.20372/ryvv-m298Keywords:
Sirba, Siyaasa, Hawaasummaa, DinagdeeAbstract
Qorannoon kun Xiinxala Walaloowwan Sirboota Siyaasaa Oromoo bara 1991 – 2018‟titti sagalee fi suursagaleen maxxanfamanii sirbamaa turan xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Mata duree kana irrattis akkan hojjedhuuf kan na kakaase, qaawwa qorannoo sakatta‟an taasise irraa natti mul‟atedha. Innis, hojiileen ogbarruu barreeffamaa keessaa walaloo sirbootaa irratti hanga yoonaatti hojjetaman hedduu muraasa ta‟uufi bal‟inaafi gadfageenya kan hinqabne ta‟uusaa yemmuu ta‟u, addumaan ammo sadarkaa digirii sadaffaatti hanga yoonaatti waan hojjetame kan hinjire ta‟uu isaati. Kaayyoon Qorannichis Walaloowwan Sirboota Siyaasaa Oromoo bara 1991 – 2018‟titti sagalee fi suursagaleen maxxanfamanii sirbamaa turanii xiinxaluudha.Qorannichis ilaalchawwan sadan yaaxxina hawaasummaa keessaa ilaalcha diddaa fi kallattii ilaalchaa fakkoommii bu‟uureffachuun kan geggeeffamedha. Maddi ragaalee qorannichaa madda ragaa tokkoffaa yemmuu ta‟u, innis walaloo sirboota siyaasaa Oromoo bara 1991 – 2018 keessa maxxanfamanii sirbamaa turaniiti.Walaloon sirbootaa kanneenis mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala akkayyoo fayyadamuun sirboota baaqqee sagalee fi suursagaleen maxxanfamanii sirbamaa turan keessaa kan artistoota shaniitu filatame. Ragaaleen qorannichaa mala sakatta‟a dookimentiitiin erga funaanamanii booda dhimma hawaasummaa isaan xiyyeeffataniin garee garaa garaatti qoqooduun mala xiinxala akkamtaatiin xiinxalamaniiru. Xiinxala geggeeffame irraa artistoonni Oromoo dhiibbaa gama siyaasaatiin sirnichaan ummata Oromoo irra ga‟aa ture keessaa: jaarmiyaa siyaasaa Oromoon diiguun dirree siyaasaa irraa fageessuu,akkasumas,
ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa irratti falmii inni taasisaa ture kan ibsu ta‟uusaa hubachuun danda‟ameera. Kana malees, haala jiruu fi jireenyaa itti hadheessuun godaansaaf saaxiluu, gaaffii ummata ukkaamsuu, sodachiisuu, hidhuu fi ajjeessuun dararaa kan ture ta‟uun isaa hubatameera. Addumaan ammoo, sirnichi bifa qindaa‟een maqaa magaalaa Fifinnee babal‟isuu jedhuun Oromoo qabiyyee lafa isaa irraa buqqisuun qabeenyaa fi lafa isaa saamuun jireenya hiyyummaa fi gadadootiif kan saaxile ta‟uu isaa, xiinxala geggeeffameen bira ga‟ameera.
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2024 Ilfinash Qinaaxxii, Ashannaafii Balaay, Waaqtolaa Waaqjiraa (Author)
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.