Sabboonummaafi Lafa: Gahee Yaadannoofi Hariiroon Bakkaa Dammaqinsa Oromoof Gumaache, Asoosamoota Oromoo Filataman Keessatti
DOI:
https://doi.org/10.20372/cp18-b095Keywords:
hariiroo bakkaa, yaadannoo, dammaqinsa, sabboonummaa, biyya abbaaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa gahee yaadannoofi hariiroon bakkaa dammaqinsa uumuufi sabboonummaa cimsuurratti qabu asoosamoota Oromoo filataman keessatti agarsiisuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf malli qorannoo akkamtaa hojiirra ooleera. Qorannoon kun asoosamoota Oromoo lama: Godaannisaafi Yoomi Laataa?irratti kan hojjatame ta‟ee, tooftaan iddatteessuu miticarraa-akkayyoon hojiirra ooleera. Danoomni barreessitootaa, barri maxxansaa, qabiyyeefi seenessamni asoosamootaa wiirtuu ulaagaa filannoo ta‟aniiru. Ragaalee seenessamaafi qabiyyee bu‟uureffachuun akkasumas, tooftaalee ogbarruu akka fakkoomii, aguuggii, bakkabuusa, firoomina hafeefi waldubbisaa mala sakatta‟a dookimeentiin walitti qabamuun hiikni xiinxala galumsa hafeen kennameera. Haala kanaan, ragaaleen asoosamootaa xiinxalaman akka agarsiisanitti walitti hidhaminsi sabni Oromoo lafa isaa waliin qabu miiraafi hariiroo bakkaa uumuun mul‟ateera. Hariiroofi miirri bakkaa uumame immoo yaadannoo injifachuufi injifatamuu horateera. Yaadannoowwan kunneen dammaqinsa Oromoof hundee ta‟uun hafeefi seenessama asoosamootaarraa mul‟ateera. Maqaa sabaafi gosaan laftiifi biyyi moggaafamuun eenyummaan lafaafi namaa akka walqabatu taasiseera. Karaa namfakkiileefi sansaka isaaniitiin falmiin lafa akaakileefi abaabilee irratti uumame dhaloota darbeefi dhufu walitti hidheera. Walitti hidhaminsi lafaafi dhalootaa kun miirri „biyya abbaa‟ akka mul‟atu taasiseera. Akkasumas, miirri injifachuufi injifatamuu lafarratti mudate bakka seenaa ta‟uun dammaqinsa jabeessee sabboonummaa dagaagseera. Bakkeewwan kunneen dhaloota jidduutti cancala ta‟uun jaatanii ogbarruu Oromoo keessatti akka qabiyyeefi seenessama ijoo asoosamoota Oromootti dhihaataniiru. Kanaan asoosamoonni Oromoo ibsituu hariiroofi miira bakkaa qofaa osoo hintaane, kuusaafi dabarsaa seenaa Oromoofi calaqqee sabboonummaa Oromoo waan ta‟aniif xiyyeeffannoo qorannoos akka ta‟an akeeka.
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2024 Lachiisaa Fayyeeraa, Ashannaafii Balaay, Ayyalaa Kabbadaa (Author)
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.