Xiinxala Fakkoomii Dubartootaa Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti
DOI:
https://doi.org/10.20372/Keywords:
Jechoota Ijoo: dharraa saalquunnamtii, fakkoomii dubartootaa, ejjuu, qoosaa, wantaaAbstract
AXAREERAA
Kaayyoon qorannoo kanaa fakkoomii dubartootaa qoosaa Oromoo Maccaa keessatti mul’atu
xiinxaluudha. Qorannooleen addaddaa hanga sakatta’ametti, qoosaa Oromoo irratti (keessumaa
kan Oromoo Maccaa) fakkoomii dubartootaan walqabatee qorannoon adeemsifame dhabamuun
isaa qorannoon kun akka gaggeeffamuuf ka’umsa ta’ee jira. Qorannichi gosa qorannoo
akkamtaa bu’uureffatee gaggeeffame. Maddi ragaa qorannichaa madda ragaa tokkoffaadha.
Ragaaleen qorannchaa godinoota afur: Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu, Wallaggaa
Bahaa aanaa Guutoo Giddaa, Buunnoo Beddellee aanaa Beddelleefi Iluu Abbaa Boor aanaa
Mattuu irraa funaanaman. Ragimtoonni qorannichaa namoota qoosaa qoosuu danda’an
iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaan kanneen filatamanidha. Ragaaleen kunneen
daawwannaa, marii garee xiyyeeffatamaafi afgaaffiin funaanaman. Ragaaleen sassaabaman
mala xiinxala ergaatti fayyadamuun xiinxalaman. Gosti yaaxxinaa qorannichi irratti hundaa’ee
gaggeeffame feminiizimiidha. Xiinxala taasisame irraa argannoon argame akka agarsiisutti
dubartoonni: wantaa dhiirota gammachiisuuf tajaajilan; dharraa saalquunnamtii kanneen
qabaniifi ejjitoota akka ta’anitti fakkeeffamuun qoosaa Oromoo Maccaa keessatti ibsamanii jiru.
Ilaalchonni kunniin toofta ittiin dubartoota hacuucuuf dhimma itti ba’aman sababa ta’aniif utuu
fooyya’anii gaarii ta’a.
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2024 Tewoodroos Addunyaa, Birihaanuu Baqqalaa, Fiqaaduu Qana’aa (Author)
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.