Sakatta’a Haal-deemsa Himamsa Afseenaawwan Oromoo
DOI:
https://doi.org/10.20372/Keywords:
Jechoota Bu’uura: afseenaawwan, haalaawwan, adeemsota, haal-deemsa, himamsa, Oromoo MaccaaAbstract
AXERERAA
Qorannoo afoolaa keessatti; haalaawwan gooroowwan afoolaa keessatti himamaniifi adeemsa
isaan hordofuun himaman (haal-deemsa isaanii) xiyyeeffachuun dhimmoota bu’uuraa qorannoo
isaanii guutuu taasisan keessaa isaan murteessoodha. Bu’uuruma kanaan, kaayyoon bu’uuraa
qorannoo kanaas, haal-deemsa himamsa afseenaawwan Oromoo Maccaa sakatta’uun
addeessuudha. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsa sakattaa (survey ethnography) yoo ta’u,
maddeen ragaalee qorannichaas maddeen ragaalee tokkoffaa: maanguddoota, dargaggootaafi
ijoollotadha. Malleen iddatteessuu mit-carraa keessaa mala akkayyoo (purposive sampling)fi
mala darbaadabarsaa (snowball) sampling)tti gargaaramuun baayyinni waliigalaa iddattoolee
qorannichaa filatamaniis ja’atama (60)dha. Ragaaleen qorannichaas; daawwannaa, afgaaffiifi
mariigaree xiyyeeffannoon kan funaanaman yommuu ta’an, ragaaleen fudhatamanis, mala
akkamtaa ibsaa bu’uureffachuun addeeffamanii jiru. Argannoowwan bu’uuraa qorannoo kanaas:
afseenaawwan Oromoo ergaa dhaabbataa ta’e kan qaban osoo hintaane haalaawwan keessatti
himaman bu’uureffachuun ergaa garaagaraa kan kennan waan ta’aniif, haalaawwan isaanii
malee qorachuun itti fayyadama hawaasaa isa dhugaa kan gidduu galeessa godhate waan
hintaaneef guutuu isaan hintaasisu. Akkasumas, adeemsa dhaabbataa ittiin himaman kan
hinqabne yommuu ta’an, adeemsa himuu ga’umsa qabuun himuun immoo humna kaka’umsa,
dhageettii (feeling)fi haala himaa (tone of the teller) addeessuu; akkasumas, humna
xiyyeeffannoo dhaggeeffattootaa argachuu himaa daran dabaluu, humna miidhagummaa (artistic
beauty)fi ofitti hawwatummaa (attractiveness) gooroo afseenaa himamaa jiru sanaa dabaluufi
ciicata ergaa isaa argachuu nama dandeessisu kan kennudha.
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2024 Magarsaa Dhinsaa (Author)
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.