Firdhamjechoota Hormaataafi Yaasaa Gochima Afaan Oromoo
DOI:
https://doi.org/10.20372/n857-ca71Keywords:
Jechoota Ijoo: xiinjecha, dhamjecha, fufii, firdhamjecha, gochima, hormaata, yaasaaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa firdhamjechoota adeemsa hormaataafi yaasaa gochimaa Afaan Oromoo keessatti mul’atan xiinxaluudha. Xiinqooqa Afaan Oromoo irratti qorannoon namoota garaagaraan gaggeeffame jiraatus, xiinjecha gochima afaanichaa keessatti firdhamjechoota irratti xiyyeeffachuun hanga sakattaaametti qorannoon hojjetame hinjiru. Qorannoon kunis kanarraa ka’uudhaan gaggeeffame. Kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf, malli qorannoo akkamtaafi saxaxni isaa ammoo addeessaadha. Kanamalees,qorannichi dibaabee bu’uurhojii yaaxina xiinqooqa bu’uuraa jalatti yaaxxina xiinjecha addeessaa bu’uureffachuun gaggeeffame. Maddi ragaalee qorannichaa korpusii barreeffamaa (kitaaba batattootaa kutaa 5-12, asoosamoota Afaan Oromoofi galmeewwan jechootaa Afaan Oromoo), odeef-kennitoota afaan dhalootaafi ofgaaffii (introspection) ture. Haaluma kanaan, akka xiinxalli ragaa qorannichaa agarsiisutti, adeemsa hormaataafi yaasaa gochimaa Afaan Oromoo keessatti firdhamjechoota sadarkaa fufiifi hundee gochimaatti jiraachuun hubatameera. Adeemsa hormaata gochimoota Afaan Oromoo keessatti fufiileen firdhamjechoota tokkoo ol qabaachuun tajaajilan: fufii ramaddii ({-t-}), fufii danoominaa ({-n-}), fufii koorniyaa ({-t-})fi fufii hi’entaa ({hin-}) agarsiisan ta’uu hubatameera.Haaluma kanaan, firdhamjechoota {-t}: [-d-], [-x-], [-c-] fi [-s-], akkasumas kan {-n-}: [-n-], [-1-], [-r-], [-in-] fi [-an], kana malees kan {hin-}: [him-], [hiw-], [hiny-], [hil-], [hir-], [hiŋ-], [hiy-] fi [hiɱ-]) ta’uu adda baafamaniiru.Gama biraatiin, adeemsa yaasaa gochimootaa keessatti ammoo fufiileen taasisaa ({-s-/-sis-}), taasifataa ({-at-})fi taasifamaa ({-om-}) firdhamjechoota tokkoo ol qabaachuun qorannoo kanaan beekameera.Bu’uuruma kanaan, fufiin {-s-/-sis-} firdhamjechoota: [-is-], [-iis-], [-ch-], [-s-], [-ess-], [-eess-], [-s-], [-sis-] fi [-siis-], fufiin {-at-}: [-at-], [-edh-], [-odh-], [-en-], [-on-], [-et-], [-ot-], [-an-] fi [-achch-] akkasumas fufiin {-om-} firdhamjechoota {-om-] fi [-oom-] qabaachuu adda baafamaniiru. Sadarkaa hundeetti ammoo hundeewwan gochimaa qaama dhumaa isaaniirraa dhamsagoota /t/, /x/, /d/, qaban adeemsa hormaataa keessatti danoomina agarsiisuuf {-n-}, akkasumas yaasaa keessatti taasisaa agarsiisuuf {-s-} maxxanfachuu irratti firdhamjechoota hundee uumamuun adda baheera. Gama biraatiin, firdhamjechoota sadarkaa fufiis ta’ee hundee gochima irratti mul’ataniif qabanni guddaan dhiibbaa adeemsa qindaa’ina xiindhamsagaa (phonological factor) keessaa firoommii, saaguufi walbaqannaan gahee olaanaa qabaachuu argannoon qorannichaa agarsiiseera. Dhumarratti, adeemsa qorannoo kanaa keessatti firdhamjechoota xiinjecha maqaafi maqibsaa dhimma fuulleffatame waan hintaaneef, qaawwaa qorannoo biraatiin duuduu qabuudha.
Downloads
Downloads
Published
Issue
Section
License
Copyright (c) 2026 Girmaa Guddataa, Alamayyoo Faqqadaa, Cimdii Waaqumaa (Author)

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.